Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan saatalaayitii qunnamtii Briitaaniyaa 34 gara hawaatti ergite

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2012 (FBC) – Raashiyaan saatalaayitii qunnamtii Briitaaniyaa 34 gara hawaatti ergite.

Raashiyaan abbaan qabeenyummaa isaa ‘Waan Weeb’ kan jedhamu dhaabbata Briitaaniyaa kan ta’an saatalaayitoota 34 gara hawaatti erguu ishee dhaabbanni qorannoo hawaa biyyatti Rooskoozmoos beeksiseera.

Dhaabbatichi saatalaayitoota gara hawaa kan erge bara Faranjoota 2015 waliigaltee dhaabbata ‘Waan Weeb’ waliin ture bu’uureffachuudhani jedhame.

Fuldurattis ‘Waan Weeb’ bu’uuruma waliigaltee dhaabbaticha waliin qabuun saatalaayitoota qunnamtii 600 ta’an gara hawaatti kan ergu ta’uu ifoomsera.

Kanumarraa ka’uun bara Faranjoota 2021 odeeffannoowwan garagaraa sadarkaa idil addunyaatti waliin ga’uuf karoora qabaachuu ibseera.

Maddi:- Zhiinwaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.