Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa humna hiriiree magaalaa Dasee to’achuuf dhufe ittisuun seenaa boonsaa hojjechaa jira jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa humna hiriiree magaalaa Dasee to’achuuf dhufe ittisuun seenaa boonsaa hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.

Humni nageenyaa raayyaa ittisaan durfamu humna diinaa hiriiree magaalaa Dasee to’achuuf dhufe ittisuun seenaa boonsaa hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa har’a waaree booda laateen beeksiiseera.

Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenya hundi waloon tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibseera.

Humna garee shororkeessaa ABUT magaalaa Dasee to’achuuf kutaabarri, Booruu fi hayiqiin hiriiree dhufe qaamoleen nageenyaa fi Raayyaan Ittisaa waloon qolachuun hojii guddaa hojjechuu tajaajilichi ibsa laateen eereera.

Magaalaan Dasee yeroo ammaa harka qaamolee nageenyaa jiraachuu ibsa isaan himeera.

Dargaggoonni magaalaa Dasee fi qaamoleen nageenyaa qindoominaan humna kan qolachaa jiraachuu eereera.

Dargaggoonni magaalichaa karaa gurmaa’een magaalicha Baandarraa eeguu cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeesseera.

Hawaasni olola sobaan burjaaja’uu akka hin qabne hubachiiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.