Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo dhangaggummaa biyyee naannichaa furuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Rakkoo dhangaggummaa biyyee naannoo Oromiyaa furuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hooggantoonni sadarkaa Naannoo, Godinalee fi Aanaalee hojiilee misooma qonnaa fi Giddugala Warshaa Nooraa Gudar daawwataniiru.

Daawwannicharratti Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Qonnaa fi hogganaan damee Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Eliyaas Kadiir, rakkoo dhangagummaa biyyoo, akka Oromiyaatti jiru furuuf, Giddugalli Warshaa Nooraa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, hojii qonnaa fooyyeessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu kan eeran Obbo Eliyaas, rakkoo dhangaggummaa biyyee akka naannichaatti jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu duabbataniiru.

Warshaan Nooraa kun, erga dhabbatee waggoota muraasa keessatti bu’aa argamsiisaa jiraachuu himaniiru.

Dinqaa Baacaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.