Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo hojii dhabdummaa furuuf dhaabbilee garaagaraa waliin hojjetamaa jira – Komishinii carraa hojii uumuu federaalaa

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti rakkoolee hojii dhabdummaa furuuf dhaabbilee garaagaraa waliin hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Carraa Hojii Uumuu Federaalaa beeksiise.
Komishinarri Komishinii Carraa Hojii Uumuu Federaalaa obbo Nigusuu Xilahuun Ityoophiyaatti rakkoo hojii dhabdummaa jiru furuuf dhaabbilee mootummaa, miti mootummaa fi Indaastiriiwwan garaagaraa waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Baatiwwan jahaan darbam keessaa lammiilee miiliyoona 1.6f carraan hojii uumamuu himaniiru.
Kanneen carraan hojii uumameef keessaa %38 hojii yeroo yoo ta’u, % 62 ammoo hojii dhaabbiti jedhan.
Rakkoolee hojii dhabdummaa furuuf hojiin qorannoorratti hundaa’e xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Komishinichi carraa hojii dhaabbii % 80tti ol guddisuuf dhaabbilee Mootummaa fi dhuunfaa akkasumas Indaastiriiwwan garaagaraa waliin hojii qindoomina qabu hojjechaa jiraachuu obbo Nigusuun ibsaniiru.
Dargaggoonni carraa hojii damee Tuurizimiin jirurraa fayyadamoo akka ta’an karoorfamee hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Ityoophiyaatti waggaa waggaan lammiileen haaraan carraa hojii barbaadan miiliyoonni 2 ol gara gabaatti kan makaman ta’uu eeruun, kanneen keessaa kumni dhibbi 2 ol dargaggoota dhaabbilee barnootaa olaanoo garaaraagaraarraa eebbifaman akka ta’e himaniiru.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.