Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa godina Matakkalitti muudatee furuuf ilaalacharratti hojiin baldhaan hojjetamuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (FBC)- Rakkoo nageenyaa godina Matakkalitti muudatee furuuf ilaalacharratti hojiin baldhaan hojjetamu akka qabu jiraattoonni naannicha yaadachisaan.
Koreen mootummaan federalaatin hundeeffame olaantummaa seeraa kabachiisuurratti argamuu hayyoota godina Matakkal waliin mari’ateera.
Naannichatti rakkoo muudateef sababoonni hedduun jiru kan jedhan hayyoonni kunneen inni olaanaa ilaalchi dargaggoota humna badiin faalamu himaniiru.
Kanaafis ammoo ergaawwan fuula miidayaalee hawaasatiin, miidiyalee garaagaraatin uummataa fi uummata, sabaa fi saballamoota kan walitti buusuu darbaa jiraachuu eerraniiru.
Rakkicha bu’uurarraa furuuf Ityoophiyaanoonni godina Mattakal jiraataan akka lammii Ityoophiyaa tokkootti yaadu akka qaban dhaamaniiru.
Lammii saba hundaa walqixeetti ilaaluu uumuufis hundi itti gaafatamummaasa baa’achuu qaba jedhaniiru.
Waltajjicha kan dursaan hojii nageenya kabaachiisuu kan hogganaan Birgaader Jenaraal Asiraat Denneeroo gana isaanitiin, rakkichi ta’ee jedhame waggoota 30 itti yaadamee kan hojjetame ta’uu korichi jiraattoota godinicha waliin marii gaggeesseen hubachuusa himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.