Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo Paartii Badhaadhinaa fi ABUT furuuf hojjetamaa jira- jaarsolii

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Rakkoo Paartii Badhaadhinaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay jidduu jiru hiikuuf hojjechaa jiraachuu jaarsoliin biyyaa Ityoophiyaa beeksisan.
 
Garaagarteen isaanii hiikamuu kan danda’u ta’uus ifoomsaniiru.
 
Jaarsoliin biyyaa kanneen ibsa laataniin qaamolee lmaanirraayyuu deebii gaarii argachuu beeksisaniiru.
 
Rakkoon qaamolee lamaanii walitti siqanii mari’achuu dhabuu akka ta’es jaarsoliin biyyaa ibsa har’a laataniin beeksisaniiru.
 
Walitti qabaan jaarsolii biyyaa Proofeesar Masfin Araayaan miseensota waliin ibsa laataniin akka beeksisanitti, waggaadhan duraa eegalee Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa waliin rakkoolee naannoo aadaa hawaasaa, amantaa fi jaarsummaa biyyaatin hiikuuf sochoi’amaa jiraachuu himan.
 
Kanas lafa qabsiisuuf baatii shaniin dura naannoleerraa jaarsolii bakka bu’ummaa qaban filachuun danda’ameera jedhan.
 
Yaata’uutii sababii weerara vaayrasii koroonaatin amma barbaadamu hojjechuun hin danda’amne jedhan.
 
Yaata’uutii nageenyaa fi waliigaltee biyyaa uumuuf Kibxata darbe gara Maqalee deemuun hoggansa addichaa waliin mari’achuun akka danda’ame beeksisaniiru.
 
Hoggansi addichaa gaaffilee hedduu akka qaban ibsanii, walitti siqanii minjaala tokkorratti mari’achuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.
 
Finfinneettis hoggansa Paartii Badhaadhinaa waliin walarguudhan mariidhaf qophii ta’uun ibsameera.
 
Garaagartee qabaatanis, waliigalteedhan waliin fulduratti deemuuf carraan jiraachuus kaasaniiru.
 
Itti aanaan walitti qabaa jaarsolii Kumalaa Atleet Haylee G/sillaasee fi Paastar Daani’eel G/sillaaseen maricha kaayyoo gaarii walta’iinsa biyyaatif oolchuuf ni hojjetama jedhan.
 
Yeroo itti aanutti garaagartee naannoo Oromiyaa fi naannolee birootti muul’atan furuun waliigaltee uumuuf ni hojjetama jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.