Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo waliigaltee meeshaa safartuu boba’aatin konkolaattonni hedduun guyyoota 5 oliif Sulultaa dhaabbataniiru

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Rakkoo waliigaltee meeshaa safartuu boba’aatin konkolaattonni hedduun guyyoota 5 oliif Sulultaa dhaabbataniiru.
 
Rakkoon waliigaltee kun kan uumame dhaabbilee boba’aa dhiyeessanii fi konkolaachistoota boba’aa deddeebisan jidduutti.
 
Kanaan dura dhaabbileen boba’aa dhiyeessan meeshaa safartuu Diippiistiik jedhamuun safaraniit boba’aa Jibuutidhaa fe’ame nu harkaa fuudhu ture jedhu konkolaachistoonni.
 
Dhaabbanni Dhiyeessii Boba’aa Ityoophiyaa gama isaatin hojimaatichi duubatti hafaa waan ta’eef, Baalkimeetiriinan safaree isinirraa fuudha jedhaan.
 
Hoji raawwachiisan dhaabbatichaa obbo Taaddasaa H/maariyaam gaaffiin konkolaachistootaa fudhatama hin qabu jedhan.
 
Meeshaan Baalkimeetir ammayyaa’aa fi sadarkaa idil addunyaatti kan ittiin hojjetamudhas jedhan.
 
Raabsitoonni boba’aatis Baalkimeetiriin akka fayyadaman dhaamaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Afawarq Alamuutu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.