Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo walxaxaa Sudaan mudate furuuf tattaffii waloo barbaachisa – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad rakkoo Sudaan furuuf marii gaggeessummaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa fi deeggarsa Gamtaa Afrikaan eegalame walsimsiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad rakkoo walxaxaa Sudaan mudate furuuf tattaffiin waloo kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waltajjii Sudaanitti nagaa buusuuf biyyoota ollaa pireezidaantiin Ijipti Abdulfattaa Alsiisiin waamanirratti haasawa taasisaniin rakkoo walxaxaan Sudaan mudate furuuf tattaffiin waloo barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Adeemsi ce’umsa gara nagaa biyyattii bara Faranjootaa 2020 eegale karaarraa maquun lammiilee biyyattii miidhaa jiraachuu eeraniiru.

Rakkoo kana keessaa bahuuf ilaa fi ilaameen murteessaa ta’uu fi uummataaf dursa laachuun furmaata ta’uu himuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa Ijiptiitti taasisan xumuruun gara Finfinnee deebi’aniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.