Fana: At a Speed of Life!

Riippaabilika Dimookiraatawaa Koongootti dooniin cabuun namoonni 145 achi buuteen isaanii dhabame

Finfinnee, Amajjii 12, 2015(FBC)- Riippaabilika Dimookiraatawaa Koongoo laga Luuloong irratti dooniin cabuun namoonni 145 achi buuteen isaanii dhabamuu gabaafame.

Ka’umsi balichaa  doonichi humnaan ol namoota fe’uu ta’uu aanga’oonni mootummaa biyyattii ibsaniiru.

Balicharraa namoonni 55 ooluufi 145 achi buuteen isaanii dhabamuu ibsameera.

Baatii Onkoloolessaa darbes biyyattii bulchiinsa Ikuuweeter laga Koongoorratti balaa walfakkaataa mudateen lubbuun namoota 40 olii darbuu  “Za Afrikaa Niwus” gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.