Fana: At a Speed of Life!

Roobni roobaa jiru naannoowwan murtaa’etti cimee akka itti fufu Ejansiin Metroolajii Biyyaalessaa beeksise

Finfinnee, Eebila 21, 2012 (FBC) – Roobni roobaa jiru naannoowwan murtaa’etti cimee akka itti fufu Ejansiin Metroolajii Biyyaalessaa beeksise.

Ejansichi roobni cimee itti fufu kun naannoowwan murtaa’eetti lolaa kan qaqqabsiisu ta’ullee, damee qonnaaf garuu faayidaa ta’uu himeera.

Ejansichatti ogeessi haalaa qilleensaa obbo Taammiruu Kabbadaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka ibsanitti naannoolee Lixa Kibba, Gambeellaa, Ummattoota Kibbaa, godinaalee Oromiyaa hedduu fi Beenishaanguulitti roobni cimaan kan itti fufu ta’a.

Ministeera Qonnaatti Daayrekatarri Ekesteeshinii Qonnaa obbo Girmaamee Gaarumaa roobni waqtii dursee roobuun isaa oomishaa Arfaasaa fi qonna fulduraaf faayidaa olaana qaba jedhan.

Haata’uuti, Qonnaan bultoonni lolaan gara lafa qonnaatti akka hin seenne of eeggannoo taasisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tigist Abrahaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.