Fana: At a Speed of Life!

Roobni tibbana Ityoophiyaa fi Keeniyaatti roobe weerara hoomaa awwaannisaaf sababa olaanaa ta’uu danda’a-FAO

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2013 (FBC) –Kibbaa Ityoophiyaa fi Kaabaa Keeniyaatti Roobni tibbana roobe weerarri hoomaa awwannisa gammoojjii akka babal’atuuf sababa ta’uu akka danda’u Dhaabbanni Nyaataa fi Qonna Addunyaa (FAO) beeksise.
Dhaabbatichi hammi roobaa gadii aanaa ta’uu fi weeraricha ittisuuf tattaaffiin taasifamuu cimuu isaan rakkoo guddaa hin ta’u jedheera.
Biyyoonni lamaan weerara awwannisichaa ittisuurratti bu’aa gaarii galmeessisuu dhaabbatichii eereraa.
Ityoophiyaatti naannoolee Oromiyaa fi Kibbaatti awwannisni xixiqaan muul’achuu ibsameera.
Akkasumas Kibbaa Sulula qiinxamaa keessatti hoomaan awwaannisa gammoojji kun muul’atee turuu eereera.
Hoomaan Awwaannisaa gama Keeniyaa fi Soomaaliyaan dhufu dhaabbatus awwaannisni xixiqqaan hammaan muraasa ta’an muul’achuu dhaabbatichi beeksiseera.
Soomaaliyaatti Awwaannisni xixiqqaan muul’ate gara Ityoophiyaatti ce’uu akka danda’u Dhaabbannii Nyaataa fi Qonna Addunyaa beeksiseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.