Fana: At a Speed of Life!

Saamicha qabeenyaa Birrii biiliyoona 1.3’tti tilmaamamu baraaruun danda’ameera-KNFMF

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC)- Baatiiwwan 9’n darbanitti saamicha qabeenyaa Birrii biiliyoona 1.3’tti tilmaamamu baraaruun akka danda’ame Koomiishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa beeksise.

Koomiishinichatti Hoji Raawwachiisaa Dursaa Ittisa Malaammaltummaa Hatattamaa Gazzaanyi Gaashaawu akka ibsanitti, dhaabbilee misoomaa mootummaa, manneen hojii, dhaabbilee ummataarratti hojiin ittisa malaammaltummaa hatattamaa gaggeeffamaniiru.

Haaluma kanaan baatiiwwan saglan darbanitti saamicha qabeenyaa Birrii biiliyoona 1.3’tti tilmaamamu baraaruun akka danda’ame ibsameera.

Weerara lafaa magaalaa fi baadiyyaa gama ittisuunis lafa karee meetira miiliyoona 22 fi kuma 288 baraaruun akka danda’ame eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.