Fana: At a Speed of Life!

Saamichi ABUT raawwate ummata Tigiraay rakkoo hamaaf kan saaxilu ta’uu Sagantaan Nyaata Addunyaa beeksise

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Hidhattoonni ABUT mankuusaa Sagantaa Nyaata Addunyaa keessaa saamichi raawwate Ummata Tigiraay rakkoo hamaaf kan saaxilu ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.
Gareen shororkeessaa ABUT mankuusaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa Maqaleetti argamu keessaa boba’aa boottee 12 saamuu ibsuun isaa ni yaadatama.

Sangantaan Nyaataa Addunyaa saamichi garechi raawwate qaanessaa ta’uu ibseera.

Kanumaan walqabatee lammiileen miliyoonatti lakkaa’aman kutaa Kaabaa biyyattiitti argaman, rakkoo hammaataaf kan saaxilu ta’uu ibseera.

Baatiiwwan muraasa darban dhukaasa dhaabbatee tureen Sagantaan Nyaataa Addunyaa fi tumsitoonni Naannoo Tigiraayiitti kan argaman lammiilee miiliyoona 5 deeggarsi namooma akka dhiyaatu tumsee turuu yaadachiiseera.

Haa ta’u malee, guyyaa kaleessaa garechi saamichi raawwate deeggarsa namooma kana balaarra kan buusu ta’uu ibsa baaseen beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.