Fana: At a Speed of Life!

Saayintistiin lammii Ameerikaa guyyoota 100 galaanaa keessa jiraachuun rikardii haaraa galmeessan

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2015 (FBC)- Ameerikaatti Gargaaraa Pirofeessaraa Yuunivarsiitii Bulchiinsa Filooriidaa Jooseef Ditooriin guyyoota 100’f sirrii galaanaa gadi jiraachuun galmee haaraa addunyaarratti galmeessan.

Garagaaraa Pirofeesarichaa galmee haaraa kan galmeessan wayita qorannoo gaggeessuuf galaanaa keessa turanitti ta’uu CNN gabaaseera.

Qorannoo gaggeessaa kan turanis wayita, hoteela haroo Emiraaldi gadi fageenya meetira 6.7 irratti ijaarame keessa ta’uun eerameera.

Hoteelichi Ameerikaatti hoteelaa tokkicha galaana keessatti argamu jedhamuun marsariitiirratti hoteelota tarreeffaman keessa tokko ta’eera.

Qorannoon saayintistichi gaggeesses eegumsa galaanaa irratti kan xiyyeeffatee yoo ta’u, keessumaa dhiibbaa bishaanni qaaama namaarratti uumu kan argisuu ta’uun eerameera.

Bu’aan isaas turtii guyyoota 100 booda galmaa’een hojjaan Pirofeesar Jooseef Ditoorii ceentii meetira 1.27 hir’ateera jedhame.

Saayintistichi, pirojektiicha kan jalqaban dhiibbaan bishaanii dhalli namaa umrii dheeraa akka qabaatu fi dullumaan walqabatee dhibeewwan dandamachuu dandeessisa yaada jedhurraa ta’uun bsameera.

Qorannoon isaaniis si’aayina dargaggootaa fi dhibeewwan hedduuf fayyina argamsiisuu akka danda’u ‘World Guinness Book’tti himaniiru.

Kanaan dura bakka walfakkaataatti guyyoota 73 fi sa’aatii 2 fi daqiiqaa 34 galmaa’e turuu gabaasichaan eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.