Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan biqiltuu biiliyoonaa 6 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jira – Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan sadarkaa biyyaaleessatti biqiltuu biiliyoonaa 6 dhaabuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu Ministeerr Qonnaa beeksiiseera.
Biqiltuuwwan dhaabbiif qophaa’aan keessaa % 60 diinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa kan qaban ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen ibsaniiru.
Keessattuu kuduraa fi muduraa dhaabuun diinagdee biyyaa tumsuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Biqiltuuwwan biiliyoonni 5.6 dhaabbiif qophii ta’uu isaanii gabaasni naannolee kan muul’isu ta’uu obbo Umar himaniiru.
Biqiltuu dhaabbiif qophaa’aa jiran dabalatee qophii iddoo biqiltuuf qophaa’aa jiru ogeeyyiin hordoffii taasiisaa jiraachuu dubbataniiru.
Sagantaan Ashaaraa magariisaa waggoottaan sadan darbaniif hojiirra oolaa ture bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu eeraniiru.
Qorannoo sadarkaa biyyaalessaatti taasiifameen biqiltuun bara darbe dhaabbate % 80 latuu obbo Umar himaniiru.
Zufaan Kaasahuuntu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.