Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa goolaba baatii dargaggoota Afrikaa 16ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 21,2015 (FBC)- Sagantaa goolaba baatii dargaggoota Afrikaa 16ffaan magaalaa Dirree Daawaatti gaggeeffamaa jira.

Baatiin dargaggoota Afrikaa 16ffaan mata duree “ hirmaannaa ho’aan dargaggootaa guddina namoomaaf” jedhuun baatii tokkoof naannolee garaagaraatti kabajamaa turuufi miidhaa baalli sammuu namaa hadoochu dargaggootarraan gahurratti odeeffannoowwan faayidaa qabeessa ta’an darbaa turuu  yaadachiifameera.

Saganticharratti Ministira Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeefi Ittaanaa Kantiibaa magaalaa Dirree Daawaa obbo  Harbii Buuhii dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.