Fana: At a Speed of Life!

Sagantaaleen biyyaalessaa guyyoottaan darban gaggeeffaman milkiin akka xumuramu qoodni jiraattootaa olaanaa ture – Aadde Adaanach

Finfinnee, Fulbaana 26, 2014 (FBC) – Sagantaaleen biyyaalessaa guyyoottaan darban gaggeeffaman milkiin akka xumuramu qoodni jiraattootaa olaanaa kan ture ta’uu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Ayyaanni Masqalaa, Irreechaa fi sagantaan hundeeffama mootummaa ga’umsaa fi haala maqaa gaarii biyyaa ol kaasuu danda’an xumuramuu Aadde Adaanach ibsi miidiyaaleef laataniin himaniiru.
Ayyaannoonni kunneen haala hoo’aa, nagaa fi namuusa gaarii fakkeenya addunyaa ta’een akka xumuramu qoodni jiraattoota magaalaa Finfinnee olaanaa kan ture ta’uu ibsaniiru.
Jiraattootta kanneenis galateeffataniiru.
Jiraattoonni magaalichaa hojii magaalaa Qulqulleessuu, Miidhagsuu fi keessumoota haalaan simachuun sirnichi namuumsa gaariin akka raawwatu hojii hojjetaniif Aadde Adaanach galata dhiyeessaniiru.
Hundeeffama mootummaarratti jaalala biyyaaf qabanii fi abdii mootummaarraa qaban addabaabayiitti ba’uun ibsuu isaanii himaniiru.
Itti gaafatamummaa olaanaa ummanni nutti laate ga’umsaan ba’uuf xiyyeeffannoon ni hojjenna jechuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesiirraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.