Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan ashaaraa magariisaa naannoo Oromiyaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Sagantaan ashaaraa magariisaa naannoo Oromiyaa godina shawaa Kibba Lixaa aanaa Wanciitti eegalame.

Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Shimallis Abdiisaa aanga’oota olaanoo naannichaa waliin godina shawaa Kibba Lixaa aanaa Wanciitti argamuun saganticha eegalchiisaniiru.

Obbo Shimallis karoorri keenya galma ni ga’a, dacheen keenyas ni Magariiti jedhan.

Naannoo Oromiyaatti bara kana biqiltuu biiliyoona 3.2 dhaabuuf karoorfameera.

Oduma walfakkaatuun sagantaan ashaaraa magariisaa magaalaa Finfinnee bakka itti aanaan Kaantimaa Injiinar Takkalaa Uumaa fi dureewwan amantaa argamanitti eegalameera.

Hawaasni hundi of eeggannoon sagantaa dhaabbi biqiltuu kanarratti hirmaachuu akka qaban abbootiin amantaa ergaa dabarsaniiru.

Biqiltuun dhaabbate kunuunsuun gama ashaaraa magariisaa milkeessuuf shoora isaanii ba’uu akka qaban dhaamniiru.

Biqiltuun har’a dhaabbiin isaanii eegalame magariisummaa naannoof qofa osoo hin taane nyaatafille kan oola ta’ Injiinar Taakkalaan ibaniiru.

Bara kana magaalichaatti biqiltuu miiliyoona 7 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Naannoo Beenishaanguul Guumzittis sagantaan ashaaraa magariisaa ifatti eegaleera.

Godina Matakkal aanaa Maanduraatti eegalameera.

Preezdaantiin naannichaa obbo Ashaadilii Hasan karoora dhaabbii biqiltuu bara kanaa milkeessuuf hawaasni ga’ee irraa eeggamu ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Naannichatti biqiltuu miiliyoona 40 dhaabuuf karoorfamuus ibsaniiru.

Sagantaa kanarratti hoggantoonni olaanoon naannicha hedduun hirmaataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.