Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbatummaa Magaalotaa marsaa 3ffaan xumurame

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Sagantaa bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbatummaa magaalotaa marsaa 3ffaa Doolaara miiliyoona 859’n gaggeeffamaa ture xumurame.

Gamaaggamni waloo koree olaanaa naannoo fi federaalaa Sagantaa babal’isa bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbatumaa (UIIDP) gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, guddinni magaalotaa itti fufiinsa akka qabaatuuf mootummaan rakkoolee magaalotatti mul’atu addaa baasuun jijjiirama bu’uuraa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Magaalota ka’umsa guddina Ityoophyaa taasisuuf wiirtuu waan ta’aniif, karoora qabaman milkeessuuf waloon hojjechuu akka barbaachisu kaasaniiru.

Beezaawwit Kabbadaa fi Biniyaam Asnaaqeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.