Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan cufiinsa kadhannaa biyyaalessaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) – Qindeessummaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Ityoophiyaan torbee tokkoof gaggeeffamee kan ture sagantaan kadhannaa biyyaalessaa cufamaa jira.
Ityoophiyaanoonni hundi yeroo rakkisaa fi dhiphinaa kana waloon ta’uun onnee tokkoon waaqa akka kadhataniif sagantaan kadhannaa labsamee gaggeeffamaa tureera.
Sagantaan kadhannaa mata duree ‘Amantaa keenya nageeyna keenyaaf’ jedhuun gaggeeffamaa ture har’a sirni cufiinsaa gaggeeffamaa jiraachuu himameera.
Akka EBCn gabaaseetti saganticharratti hoggantoonni mootummaa olaanoo fi dureewwan amantaalee Ityoophiyaa argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.