Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan nyaata addunyaa deeggarsa naannoo Tigraayiif erge Maqalee ga’e

Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Sagantaan nyaata addunyaa deeggarsa naannoo Tigraayiif erge Maqalee ga’eera.

Deeggarsichi naannichaatti lammiilee rakkoo keessaa jiraniif kan oluu yoo ta’u, deeggarsi marsaa jalqabaa Maqalee qaqqabuu ibsameera.

Mootummaan dhaabbiilee deeggartoota naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsi barbaachisuu akka deeggaraniif waamicha dhiyeesseen torbee darbee konkolaattoonni jajjaaboon fe’umsa 40 deeggarsa namoomaa fe’anii gara naannichaa imalaa turuun isaanii ni yaadatama.

Guyyaa har’as deeggarsichi magaalaa Maqalee ga’uu Sagantaa Nyaata Addunyaatti waajjiirri Ityoophiyaa fuula Twiitara isaan ibseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.