Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan sosochii nageenyaa ‘dhaloota nageenyaf’ jedhu eegalame

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Sagantaan sosochii nageenyaa ‘dhaloota nageenyaf’ jedhu eegalame.
 
Dargaggoota tola ooltootaan kan eegalame Iniisheetiivii ‘dhaloota nageenyaf’ jedhu kanarratti Ityoophiyaanoonni miiliyoona 1 ta’an mallattoo ni kaa’u jedhameera.
 
Sirna mallattoo kaa’uu kana Ministirri Ministeera nagaanya aadde Mufariyaat Kamiil Hooteela Giyoonitti argamuun ifatti jalqabasiisaniiru.
 
Mallattichi baatiwwan sadan dhufaniif kan itti fufu yoo ta’u sangantaan Inisheetivii ammoo baatiwwan salgan dhufaniif naannoo biyyattii hundaatti itti fufiinsaan ni gaggeeffama jedhameera.
 
Kaayyoon sosochichaa rakkoolee biyyaalessaaf furmaata waloo fiduun maappii nageenya bocuun hojiirra oolchuu akka ta’e qindeessituun sosochichaa Saaroon Tasfaawarq ibsiteerti.
 
Bu’aawwaan qorannoo hayyoota siyyaasaa,mootummaa fi ummataaf dhiyaachuun mariin irratti ni gaggeeffama jedhameera.
 
Inisheetivichi loogummaa amantaa, siyyaasaa fi sabaa kamiiyyuurraa bilisa ta’ee rakkoo waloo Ityoophiyaaf furmaata waloo fidurratti qofa kan hojjetu ta’uu eerrameera.
 
Dureewwan amantaa, jaarsoolii biyyaa fi waldaale siiviikii waliin hojjetama jedhame.
 
Ministirri Ministeera Nagaanya aadde Mufariyaat Kamiil, nageenya amansiisaa dhaloota booruuf har’a hojjechuu qabna jedhan.
 
Dhaloota booruuf bu’ura kaa’uuf ga’een Inisheetiivii olaanaa ta’uu dubbataniiru.
 
Dhimma nageenyarratti hubannoo waloo qabaachuun lammiileen hundi sosochii kanaaf deeggarsa taasisuu akka qaban aadde Mufariyaat waamicha dhiyeessaniiru.
 
Sagantaa Inisheetiivii kana gara hojiitti galchuuf waggoota lamaan darbaniif qorannoon gaggeeffamaa turuu beekkameera.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.