Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan walharkaa fuudhiinsa Maashinootaa gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2014 (FBC) – Sagantaan walharkaa fuudhiinsa Maashinoota Oomishaa Waldaa Aksiyoona Daldalaa Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaa fi Biiroo carraa hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa gidduutti gaggeeffameera.
Sagantichi interpiraayizootaa Meeshaalee garaagaraa Kiraadhaan fudhachuun kaffaltii isaanii ofirraa xumuraniif dabarsa waraqaa abbaa qabeenyummaa kennuuf kan qophaa’eedha.
Hogganaan Waldaa Aksiyoona Daldalaa Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaa obbo Yoonaas Galataa,Waldichi Qarshii miiliyoona dhibba 200’n Eebila 6, 2006 hojii eegaluu himuun yeroo ammas Naannoo Oromiyaatti waldaalee interpiraayizootaatiif meeshaalee ykn maashinoota garaagaraa Birrii miiliyoona 470 olitti tilmaamamu bituun, lammiilee kuma 28’f carraa hojii uumuu danda’ameera jedhaniiru.
Guyyaa har’aas Waldaaleen 170’n meeshaalee kiraadhaan fudhatanii itti fayyadamaa turan kaffaltii isaa ofirraa xumuruun waraqaa abbaa qabeenyummaa fudhataniiru jedhan.
Yaaddessaa Geetaachootu Gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.