Fana: At a Speed of Life!

Seeran alaa Naannoo Tigiraay seenuuf kan ture Birrii miiliyoonni 8.8 to’atame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Konkolaataa deeggarsa namooma fe’e keessa dhoksamee Naannoo Tigiraayitti geejibsiifamaa kan ture Birrii miiliyoonni 8.8 ol to’atamuun eerame.

Konkolaataan fe’umsaa Finfinneerraa nyaata deeggarsaa namoomaa fe’ee fi maallaqaa callaa fi meeshaalee hineeyyamamne biroo dhoksuun seeraan alaa Naannoo Tigiraayitti dabarsuuf wayita yaalu Buufata Sakattaa’aa Sardootti to’atamuun ibsameera.

Kana malees, faayaalee fi meeshaaleen seeraan alaa biroon qabamuu miseensi poolisii sakatta’aa Buufata Sakattaa’a Sardoo Inispeektar Abdurrahmaan Hasan himuu Miidiyaan Naannoo Afaar gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.