Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti abboottin qabeenyaa Kaappitalaa Birrii Biiliyoona 151 galmeessisan hojiitti galuun ibsame

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggarritti abbootiin qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 151 galmeessisan hojiitti galuu Waajjirri Invastimanti fi Indaastirii Bulchiinsa magaalicha beeksise.

Abbootiin qabeenyaa kunneen lammiilee kuma 179‘f carraa hojii uumuu Hoggaanaan Waajjira Invastimantii fi Indaastirii Magaalichaa Dooktar Haayilamikaa’el Alamuu ibsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa kaappitaala Birrii biiliyoona 151 galmessisan kunneen pirojekti invastimantiin hojiitti galuu Dooktar Hayilamika’el eeraaniiru.

Bulchiinsa magaalichatti Abbootiin qabeenya eeyyama pirojekti invastimantiin kennameef kuma 4 ta’uu eeruun kanneen keessaa kumni 2 hojiitti galuu ibsuu DHPI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.