Fana: At a Speed of Life!

Shaggaritti Yakkaa Gowwoomsaa cimaan barbaadamaa kan ture Boongaatti to’atame

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti yakka gowwoomsaa cimaan himatamuun barbaadamaa kan ture to’annoo jala oolchuu Komishiniin Poolisii Naannoo Ummatoota Kibba Itiyoophiyaa beeksise.

Shakkamaan to’atames, Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti maqaa sobaa afur fayyadamuun namootaa 15 irratti yakkaa gowwoomsaa cimaa raawwachuun barbaadamaa turuun ibsameera.

Komishiniin Poolisii Oromiyaa, Koomishinii Poolisii Naannoo Kibba Itiyoophiyaa walta’uun hordoffii taasiseen shakkamaan Godina Kafaa Magaalaa Boongaa Ganda 02’tti to’annoo jala ooluun ibsameera.

Shakkamaan wayita to’annoo jala oolfamuttis Pilaanii Manaa, herrega baankii garagaraa, laaptooppii tokko, furtuu konkolaataa fi bilbila harkaa waliin to’achuun Poolisii Magaalaa Shaggaritti dabarsuun eerameera.

Adeemsa hordoffii shakkamichaa keessatti eeruu kennuun kutaalee hawaasaa tumsa taasisaanii fi miseensota poolisii galateeffachuun, yakka waloon ittisuuf hunduu itti gaaftamaa kan qabu waan ta’eef poolisiif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan waamichaa dhiyeessuu ragaan Komishinii Poolisii Naannichaarraa argame ni mul’isa.

Yakka ittisuuf naannoleen lameen qindoominaan hojjechaa jiraachuu komishinichi ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.