Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni Raatessuun yakka raawwachuun shakkaman to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaalee garaagaraatti Shakkamtoonni Raatessuu(Shaashaa) yakka raawwachuun shakkaman to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Namoonni yakkicha raawwachuun shakkaman 25 hordoffii cimaa taasiifamaa tureen to’atamuu ibsameera.

Kutaa magaalaa Boolee bakkeewwan 6, Eekkatti bakkeewwan 3 fi Qiirqoositti bakkeewwan 3tti namoota Raatessuun yakkoota garaagaraa raawwachaa turuu isaanii mirkanaa’uu poolisiin magaalichaa ibseera.

Dubartoonni 6 fi dhiiroonni 19 yakkicha raawwachaa turan konkolaattota 4, Bilbilawwan gatii olaanaa ta’an 14 fi meeshaalee adda addaa yakkicha ittiin raawwataa turan waliin harkaaf harkatti to’atamuu ibseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.