Fana: At a Speed of Life!

Sirna kabaja hajjii bara karaarratti namoota kuma 10 qofatu hirmaata

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Sirni kabaja hajjii kanaan dura namoota miiliyoona 2 oliin kabajama ture bara kana namoota kuma 10n qofan akka kabajamu Saawud Arabiyaan beeksifte.
 
Saawud Arabiyaan namoota kadhannaaf garasana imalan akka hin keessummeesine beeksiftee jirti.
 
Viizaa hajjii bara kanaas hin maxxaansine jedhame.
 
Sirna hajjii guyyaa har’aa taasifamu irratti lammiileen alaa eyyaama jireenya Saawud Arabiyaa qaban Saawudii jiraatan qofti akka argamanii fi tilmamaan namoota kuma 10 hin caaleetu kabajaa jedhame eegama.
 
Lammiileen biyya biraa eyyama jireenyaa Saawud Arabiyaa qaban gara Makkaa yeroo seenan qorannoon COVID-19 taasisuf ni dirqamu jedhan.
 
Namoonni hajjii taasisan hajjii taasisuu isaaniin duraas ta’ee boodaa qophaatti of baasuu qabu jedhame.
 
Ministirri Dhimma hajjii Saawud Arabiyaa Mahammad Sal Bintan namoonni hajjii taasisan gara Makkaa galuu isaaniin dura mana isaanitti guyyoota afuriif qofaatti addaa of-baasun turuu qabu jedhan.
 
Erga Makkaa galaniin boodaas Hoteela isaanii keessa guyyoota dabalata afuriif qofa isaanii turuun dirqama jedhan.
 
Saawud Arabiyaatti namoota COVID-19n qabaman kuma dhibba 2 fi 700 keessaa namoonni kumni 3 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Akka amantaa Islamaatti sirnoota idile shan jiraan keessa tokko namni humna qabu bara jireenya isaa keessatti yoo xiqqaate al-tokko hajjii taasisuun irraa eegama.
 
Maddi:- BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.