Fana: At a Speed of Life!

Sirni awwaalchaa Sulxaan Hanfiree Aliimirraah har’a raawwatama

Finfinnee, Fulbaana 11, 2013 (FBC) –Sirni awwaalchaa Sulxaan Hanfiree Aliimirraah raawwatame.

Reeffi isaaniis har’a naannoo Afaar magaalaa Samaraa galee ture.
Dhukkubsatanii kaleessa kan boqatan Sulxaan Hanfiree Aliimirraah, har’a awwaalchi isaanii raawwateera.
Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, af yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faaraah, preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, qondaaltonni federaalaa fi naannolee biroon reefficha dabaaluun Samaraa galaniiru.
Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa fi qondaaltonni naannichaa buufata xiyyaaraa Samaraatti simannaa taasisaniifiru.
Sirni awwaalcha Sulxaan Hanfiree Aliimirraah har’a magaalaa Asaayitaatti raawwatameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.