Fana: At a Speed of Life!

Sirni Baniinsa Yaa’ii Jalqabaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC) – Sirni baniinsa Yaa’ii jalqabaa Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ichaan murtoowwan Badhaadhina hunda galeessa Ityoophiyaa mirkaneessan ni darbuun eegama.
Yaa’ichaa ilaalchisee itti gaafatamaan damee hariiroo idil addunyaa paartichaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsa laataniin Paartiin badhaadhinaa yaa’ii jalqabaa gaggeessuun injifannoowwan waggoota sadeen darban hunda kan itti gamaaggamuu ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee fi haqinoota muudatan gadi fageenyaan gamaaggamuun muurtoo seenaa qabeessaa ni dabarsaas jedhan.
Yaa’ichi haala nageenyaa, diinagdee fi ijaarsa mootummaa biyyaarratti xiyyeefachuu kan mari’atu ta’uu ibsaniiruu.
Kanaanis murtoowwan badhaadhina hunda galeessa lammiilee fiduu danda’an ni dabarsa jedhan.
Yaa’icharratti miseensoonni sagalee qaban kumni 1 fi 600 fi kutaaleen hawaasa garaagaraa akkasumas keessummoonni biyya alaarra affeerraman kan sagalee hin qabne 400 hirmaachaa jiru jedhame.
Waltajjiin Yaa’ii Qophii duraa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaatti guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture xumuramuun kan yaadatamuudha.
Xumura waltajjichaarratti kan argaman Itti aanaan Preezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Dammaqaa Makoonniin kana dura wantoota tokko nu taasiisan caalaa dhimmoota adda nu baasanirratti xiyyeeffachuun hojjetamaa turuu eeruun, paartiin Badhaadhinaa rakkoolee kanneen furuuf imalaa jiraachuu kaasaniiru.
Waggoottan sadan darban haala rakkisaa keessa taanee birmadummaa biyyaa kabachiisaa injifannoo boonsaa galmeessineera jedhan.
Gama biroon Yaa’ii Dhaabbatummaa 1ffaa Paartii Badhaadhinaa kanarratti miseensonni Paartilee obbulammaa biyyoota alaa hedduun hirmaachaa jiraachuu ibsameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.