Fana: At a Speed of Life!

Sirni sagalee laachuu naannolee sadinii karaa nagaan gaggeeffamaa jira- Burtukaan Miidhaksaa

Finfinnee, Fulbaana 20, 2014 (FBC) – Sirni sagalee laachuu Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa naannoo Harar, Somaalee fi Kibbatti karaa nagaan gaggeeffamaa jiraachuu walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Burtukaan Miidhaksaan ibsaniiru.
Iddoowwan filannoon waxabajjii 14, 2013 itti hin gaggeeffamne guyyaa har’aa gaggeeffamaa jiraachuu ibsuun, ganama sa’atii 12:00 irraa eegalee uummanni kara nagaan sagalee kenna jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo somaalee buufata filannoo Mooyaaleetti rakkoo nageenyaa fi tasgabbiin walqabatee qaamoleen filannoo raawwachiisan iyyata dhiyeessaniin filannichi akka hin gaggeesifamne gochuun ala rakkoo hamaan kan hin uumamne ta’uu ibsaniiru.
Naannoo kibbaatti filannoo fi murtoon uummataa karaa nagaan gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoo nageenyaa naannoo Gurra Fardaatti uumamee tureen galmeen filattootaa haala barbaadamuun gaggeeffamuu baatus rakkicha furuuf guyyaa har’aa filattoonni galmaa’aa akka sagalee laatan taasifamuu ibsameera.
Filannichaa fi murtoo uummataa adeemsifamaa jiruu guutummaa guutuutti kan taajjaban taajabdoota biyya keessaa ta’uu EBCn gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.