Fana: At a Speed of Life!

Sochii daldalaa Ityoo-Jibuutii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015(FBC)- Daldala alaa horii dhaabbii Ityoophiyaan gama buufata Jibuutiin taasistu cimsuuf biyyoonni lameen qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsame.

Sochii daldalaa Ityoo-Jibuutii haala guddisuun danda’amurratti bakka bu’oonni biyyoota lameenii mari’achaa jiraachuu ibsameera.

Maricharratti Barreessaa Olaanaa Ministeera Daldalaa Jibuutii Alii Daawud dabalatee Bakka Bu’aan Baankii Addunyaafi hoggantoonni dhaabbilee federaalaa argamaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasaahuun Gofeen, daldala alaa horii dhaabbii Ityoophiyaan gama buufata Jibuutiin taasistu cimsuuf biyyoonni lameen qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.

Daldala alaa horii dhaabbii Ityoophiyaafi Jibuutii gidduu jiru cimsuuf hojiileen hojjetamaa jiran gamaaggamamuu kaasaniiru.

Daldala alaa horii dhaabbii fooyyessuuf piroojektiin Diraayiv jedhamu deeggarsa Baankiin Addunyaa taasiseen hojjetamaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.