Fana: At a Speed of Life!

Sochii invastimantii lafa qonnaa babal’aa fooyyessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2013 (FBC) – Sochii invastimantii lafa qonnaa babal’aa fooyyessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin gaggeeffame.

Invastimanytii lafa qonnaa babal’aa guddinaa fi tiraanisformeeshinii sadarkaa 2ffaa irratti mariin ta’uun karoora waggoota kurnaan dhufaniif galtee kan kennaan qaamolee dhimmi ilaallatu waliin guyyaa kaleessa magaalaa Adaamaatti mariin gaggeeffameera.

Waltajjicha haasaan kan banana Deettaan Ministeera Qonnaa Dooktar Maandafiroo Nigusee yoo ta’an, waggoota shanaan darbanitti waan hojjetamanii fi hin hojjetamee adda baasuun gamaaggamuu fi karoora waggoota kurnaan dhufanii milkeessuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin marii taasisaniiru.

Maricharratti invastimantiin lafa qonnaa babbal’aa akkaata karooramee akka hojiirra hin oleef wantoonni hudhaa ta’an rakkoo dhiyeessi, bu’uuraaleen misooma ga’aan dhabamuu. Rakkoo dhiyeessii faayinaansii, abbaa qabeenyaa hojjetuu fi hin hojjenne adda baasanii deeggaruu dhabuu, nannoo tokko tokkotti rakkoo nageenyaa jiraachuun warren ijooti jedhameera.

Marichaan karooriicha milkeessuuf mootummaan federaalaa fi naannoo bifa qindaa’een waliin hojjechuuu akka qaban ibsameera.

Waltajjicharratti kan argaman Bakka Bu’aa Dhaabbata Misoomaa Idil Addunyaa Jarmaan (GIZ), hoggantoota hojii Ministeera Qonnaa, hoggantoota biiroo Bulchiinsaa fi Itti Fayyadamaa Lafaa naannoolee, hoggantoonni Qorannoo Qonnaa, Bakka Buutoonni Baankii Misoomaa fi Bakka buutoonni Qaamolee Deeggarsa Misoomaa hirmataaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.