Fana: At a Speed of Life!

Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa preezdaantii biyyattii haaraa muudaman waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Abdulfattaa Abdullaahii Hasan preezdaantii Somaaliyaa haaraa muudaman Hasan Sheek Mahaammad waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo biyyoota lamaanii fi dhimmoota biroorratti xiyyeeffachuu ibsameera.

Preezdaantichi fuula Twiitara isaaniin akka ibsaniitti, Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiif galata dhiheessaniin, hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaaniirratti caalmaan MM Abiy Ahimad waliin hojjechuuf murannoo qabaachuusaanii ibsaniiru.

Paarlaamaan biyyatti Dilbata darbe Hasan Sheek Mahaammad preezdaantii biyyattii taasisuun muuduun isaa ni yaadatama.

Kana hordofees MM Abiy Ahimad preezdaantichaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniit turan.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.