Fana: At a Speed of Life!

Soomaa Ramadaanaa fi Sooma Faasikaa sababeeffachuun sagantaan waloo kadhannaa fi Afxiraa gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)-Soomaa Ramadaanaa fi Sooma Faasikaa sababeeffachuun sagantaan waloo kadhannaa fi Afxiraa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.

Saganticharratti Abbootii Amantaalee, qondaaltota mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Sagantichaan nageenyaa fi tokkumma biyyaaf kadhannaan taasifameera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen akka jedhanitti sagantichi jaalala, tokkummaa fi waloomaa cimsuuf kaayyeffate kan qopheeffameedha.

Duudhaalee adda nu fageessanirra tokkumma kan cimsan hedduun jiraachuu ibsanii, duudhaalee kanneen daran cimsuun barbaachisaadha jedhan.

Manneen amantaas jalalaa fi nageenya lallabuun gahee isaanii bachaa turuun yaadachiisanii, ammas duudhaalee tokkummaa cimsuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.