Fana: At a Speed of Life!

Suphaan  Shiree Koor Saayitii wayita xumuramu Tigiraayitti bakkeewwan hedduun tajaajila teelekoomii ni argatu jedhame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Hojiin Suphaa  Shiree Koor Saayitii wayita xumuramu naannoo Tigiraayitti bakkeewwan hedduun tajaajila teelekoomii kan argatan ta’uu Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Ityoo-Teelekoom Fireehiwot Taammiruun ibsan.

Fireehiwot Taammiruun turtii Faanaa Broodjkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, sababa walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti mudatee tureen miidhaan hangamii akka gahe beekuuf qorannoo kan barbaachisu ta’uu eeruun, waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffame hordofee hojiilee suphaaf hojjettoonni gara naannichaatti ergamuu ibsaniiru.

Qophiin suphaa taasisuu durfamee waan itti qophaa’ameef guutummaan guutuutti ta’uu baatus tajaajila eegalchiisuun danda’amuu dubbataniiru.

Magaalota akka Maayitsabrii, Allaamaaxaa, Kooramiifi Addii Haqiitti gama bilbila moobayilaan namoonni sagaleen akka walarganiif carraan uumameera jedhan.

Gama biraan Koor Saayitii Shireetti argamu tajaajila eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hojii hojjetameenis hojiin suphaa faayibarii kiilomeetira 266 hojjetamuu eeraniiru.

Hojiin suphaa wayita xumuramu tajaajila teelekoomii ariifachiisaarra darbee hawaasni bal’aan tajaajila kan argatu ta’uu addeessaniiru.

Shireetti aansuun Aksuumiifi Adwaan tajaajila akka argataniif sakattoon sarara daddabarsaa eegalamuu kaasuun, yeroo dhiyootti magaalonni hedduun tajaajila teelekoomii kan argatan ta’uu himaniiru.

Kanaaf ammoo qaamolee dhimmatootaa waliin hojjetamaa jira jedhaniiru.

Feevan Bishawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.