Fana: At a Speed of Life!

Taajjabaan paartii morkataa kakaasii filannoo gaggeessaa ture harkaaf harkatti poolisiin to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa aanaa Minjaar Shankoraatti taajjabaan paartii morkataa kakaasii filannoo gaggeessaa ture harkaaf harkatti poolisiin to’atamuu ibsame.
Paartii morkataa bakka bu’uun taajjabaa kan ture obbo Zannabaa Lammaa namni jedhamu jiraattoota gara buufata filannoo imalaa turan daandirratti eeguun nufiladhaa jechuun waraqaa kakaasii raabsaa osoo jiruu harkaaf harkatti qabamuu himameera.
Shakkamaan yakka raawwachuu kan amane ta’uu fi dhimmichi qoratamee himanni irratti banuuf ta’uu Ajejaan Qajeelcha Poolisii aanichaa Inispeektar Adaanaa Goshuun ibsaniiru.
Yakka raawwateef seeraan kan gaafatamu ta’uu himaniiru.
Alaayyuu Garramawutu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.