Fana: At a Speed of Life!

Taayiwaanitti kirkirri lafaa reektar iskeelii 7.5 mudate

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Taayiwaanitti kirkirri lafaa reektar iskeelii 7.5 lakkoofsise mudate.

Kirkiraa lafaa kanaan namoonni 711 yoo madaa’aan, lubbuun namoota 4 darbuun gabaafameera.

Naannawaa Qarqara Galaana Bahaa Taayiwaanitti kirkirri mudatee kunis Reektar Iskeelii 7.5 kan lakkoofsise ta’uun ibsameera.

Kirkirri mudate magalaa taayiwii akkasumas Kibba Jaappaan, Baha Chaayinaa fi Filippiinsi qaqqabuun eerameera.

Naannawaa Magaalaa Haawuliin Bahaa fi naannawaa gaarreen baadiyaatti miidhaa olaanaa kan qaqqabsiise yoo ta’u namoonni hedduun karaa ba’umsaa dhabuun rakkaachaa jiraachuun eerameera.

Balicha hordofees obomboleettiin mudachuu akka maluu yaaddoo uumuu aanga’oonni Taayiwaan, Jaappaanii fi Fiiippiinsi akeekkachisaa kennanii turanis, boodarra akeekkachiisi kenname kaafamuu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.