Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila Daangaa Bakka Tokkoo Ityoo- Jibuutiitti eegalchiisuuf deeggarsi argame

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Ijaarsa Tajaajila Daangaa Bakka Tokkoo Ityoo- Jibuutiif eegalchiisuuf “COMESA” waliin deeggarsi Yuuroo miiliyoona 3.2 taasifame.

Yeroo itti aanutti raawwiin piroojektichaa ilaalamee deeggarsichi kan itti fufu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Kaasaahuun Gofeen inbsaniiru.

Obbo Kaasaahuun barreessituu olaantuu “COMESA” Cheelishii Kaa’aapiwaapiiwii waliin Zaambiyaa Luusaakaatti mari’ataniiru.

Dabalataanis bara dhufu daangaa Ityoo- Keeniyaa magaalaa Mooyaaleetti giddugala gabaa ammayyaa ijaaruuf hojiin qorannoo xumuramuun hojiin ijaarsaa akka eegaluuf murtoorra ga’amuu ragaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.