Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila dijitaalaan daddabarsi maallaqaa Birrii tiriiliyoona 10 ol gaggeeffameera-Baankicha

Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC)-Baatiiwwan 8’n darban tajaajila dijitalawaan daddabarsi maallaqaa Birrii tiriiliyoona 10 ol gaggeeffamuu Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa beeksise.

Pireezidaantiin Baankichaa Obbo Abbee Saanoon akka ibsanitti, baatiiwwan saddeettan darbanitti tajaajila dijitaalawaa baankichaan bittaa fi gurgurtaa miiliyoona 800 raawwatamaniin daddabarsi maallaqaa Birrii tiriiliyoona 10 gaggeeffameera.

Fayyadamtoota tajaajilaa baankii dijitaalawaa miiliyoona 32 horachuu kaasaniiru.

Guyyuu maamiltoonni miiliyoona 4 tajaajila baankii dijitaalaan kan keessummeeffaman ta’uu ibsuu ragaan baankicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.