Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa gamoo haaraa abbaa darbii 36 ijaarsiisuufi

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa gamoo haaraa abbaa darbii 36 magaalaa Finfinnee naannoo Caffee Aannaniitti ijaarsiisuuf har’a dhagaan bu’uuraa kan kaa’uu ta’uu ibsameera.
Ijaarsi gamichaa waggaa 4 keessatti ni xumuramaan eegama jedhame.
Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Ministira Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittifaa, walitti qabaan Boordii Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalaa fi hoggantoonni dhaabbatichaa akkasumas keessummoonni waamichi taasiifameef ni argamu jedhame.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.