Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Ummataaf Hirkoo Fooyya’insa Tajaajila Fayyaaf Daandii Milkaa’inaa Ta’uu Danda’eera – BKO

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC) – Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Ummataaf Hirkoo Fooyya’insa Tajaajila Fayyaaf Daandii Milkaa’inaa Ta’uu Danda’uu Biiroon kominikeeshinii Oromiyaa ibsa baaseen ibseera.

Guutuun ibsa biirichaa haala armaan gadiin dhiyaatera.

Biyyoonni Addunyaa hedduun Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa qabatamaan hojii irra oolchuun lammileen baasii xiqqaafi kanneen harka qalleeyyii ta’an bilisaan tajaajila yaalaa itti fufiinsa qabu akka argatan taasisuun milkaa’aniiru.

Biyya keenyattis tajaajilichi erga hojii irra oolee as lammiileen qormaataawwan damdaneessa kenna tajaajila fayyaa keessatti isaan mudatu ce’anii baasii xiqqaafi bilisaan dhaabbilee Fayyaa keessatti tajaajilli yaalaa kennamaafii jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas kenna tajaajila fayyaa dhaqqabamaa, itti quufinsa lammilee mirkaneessuufi qaamolii hawaasaa sababa harka qallummaatiin yaalii fayyaa irraa fagaatan fayyadamoo akka ta’an taasiseera. Imalli Badhaadhinaa eegallee jirrus hojimaata tajaajila fayyaa ammayyeessuun hawaasa fayyummaan isaa mirkanaa’ee oomishaafi oomishtummaa irratti bobba’uun bu’aa buusu arguudha.

Kanaafis naannoo keenyatti tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa namoota harka qalleeyyiifi galii gadi aanaa qaban gargaaru cimsuun fayyummaa lammilee mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.

Bara 2003 Aanaalee afur keessatti tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa kan jalqabsiifame yoo ta’u, yeroo ammaa Aanaaleefi magaalota Oromiyaa hunda keessatti hojiirra oolchuun milkaa’inni guddaan argamaa jira.

Bara 2013 horannaan miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa 62% irra ture bara 2015 89% irraan ga’uun danda’ameera.
Kanaanis naannoo keenyatti Abbaa warraa miiliyoona 5fi kuma 500 ol miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa taasisuun kan danda’ameera.

Bara 2015 keessatti qofa namoota miiliyoona 26 tajaajilicha irraa fayyadamoo taasisuun danda’ameera.

Namoonni harka qalleeyyiin baasii olaanaa baasanii yaalamuu hin dandeenye hedduun sagantichatti fayyadamuun Buufaataalee Fayyaatii hanga Hospitaalota gurguddootti yaalchisuun fayyaa hawaasaatiif wabii ta’uun kan dandaa’ameera.

Bara kanas ummata naannoo keenyaa tajaajilicha irraa fayyadamoo akka ta’aniif qabame 95% irraan ga’uuf karoora xiiqii keessatti qabamee xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Oromoon duudhaa wal gargaarsaa qabutti fayyadamuun rakkoolee hawaasummaa waliin furachaa dhufe hojii fayyaa mirkaneessuu keessattis gumaacha olaanaa agarsiiseera.

Bara 2015 keessatti qofa Abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen garaagaraa namoota harka qalleeyyii kuma 340 oliif tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa waggaa tokkoof turu bituun arjoomaan kennaniiru.

Garaa waliif laafuufi wal bira dhaabbachuun tajaajila lammummaan tumsame abdii jige kaasuun namooma dhugaa ijaaruu gochaan agarsiisaa jira.

Bara 2016 kanatti Abbootii Warraa miliyoona 6 ol tajaajilicha keessatti kan hammataman yoo ta’u waliigala namoonni miliyoona 29 fayyadamaa tajaajilichaa ni ta’u.

Fayyaa ofiif dursanii qusachuun qaroomina waan ta’eef ummanni naannoo keenyaa baasii xiqqaan wabummaa fayyaa isaa mirkaneessuu, arjoomaan bitanii waliif kennuufi tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa irraa fayyadamuuf hunduu of qopheessuu qaba.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Mudde, 2016

Finfinnee

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.