Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin walta’iinsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC)- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin walta’iinsaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Waliigaltichaa kan mallatteessan Ministir Deetaa Tajaajilichaa Salaamaawiit Kaasaan dhaabbatichi saffisaa addunyaa dijitaalaa amma jiru hubachuun tamsaasa odeeffannoo cimsuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaailichi Bulchiinsaa Nageenyaa Odeeffannoo waliin ta’uun ‘Poortaalii Marsariittii’ (Web portal) hojjechiisuun miidiyaalee biyyaa keessaa fi alaa akkasumas odeeffannoo kan barbaadaan hundaaf karoora, imaammatootaa fi raawwii isaanii ilaalchisuun odeeffannoo saffisaan dhiyeessuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoo kennuutti dabalataan dhaabbileen kominikeeshinii federaalaa fi naannolee odeeffannoo isaanii ummataan akka ga’aniif hojmaata dandeessisu kan hammate ta’uun eerameera.

Daayrektarri Ittaanaa Nageenyaa Odeeffannoo Obbo Yuudaahee Ar’ayasillaaseen gama isaaniin, ‘Poortaaliin’ Marsariittii hojjetamuuf jiru odeeffannoo barbaaddonni salphaatti akka argatan, itti fayyadama mijataa akka qabaatuu fi filmaatawwan odeeffannoo garaagaraa akka qabaatu kan taasisuudha jedhaniiru.

Dabalataan, lammiileen gaaffilee dhaabbilee mootummaa fi naannoleerratti qaban hojmaata yaadaa fi komii itti dhiyeessan kan qabu ta’uu wayita waliigaltichi mallatteeffameetti ibsamuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Pirojektichi baatii sadii keessatti xumuramuun tajaajilaarraa akka oolu eegama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.