Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa kitaabolee kuma 5 ol mana kitaabaa Abrihootiif laate

Finfinnee, Caamsaa 8, 2014 (FBC) – Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa kitaabolee kuma 5 ol hojjettoota dhaabbatichaa fi qaamolee garaagararraa walitti qabe mana kitaabaa Abrihootiif laateera.

Mana Kitaabaa Abrihootiif sagantaa kitaabaa walitti qabuu baatii tokkoof turu mata duree ‘kitaaboota miiliyoona dhaloota miiliyonaaf’ jedhuun waamicha darbe hordofee dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa kitaaba laataa jiru.

Kana hordofee Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa (TOI) kitaabolee kuma 5 ol mana kitaabaa Abrihootiif laateera.

Kitaabolee kanneen Hoji Raawwachiisaa Olaanaan TOI Saayifuu Darribeen, Hogganaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Yohaanniis Zawdeef laataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.