Fana: At a Speed of Life!

Tajaajjilli Teeleekoomii Allaamaaxaatti guutumatti yoo eegalu iddoolee biroottis walakkeessan hojii eegaleera

Finfinnee, Sadaasa 23, 2013 (FBC) – Tajaajjilli Teeleekoomii Allaamaaxaatti guutumatti yoo eegalu iddoolee biroottis walakkeessan hojii eegaleera Iityoo – Teeleekoomi beeksise.

Daanshaa, Tarkaan, Humaraa, Shiraaroo, Maaytsabrii fi Maaykaadiraatti walakkeessaan hojii eegaluu dhaabbatichi beeksiseera.

Iityoo Teeleekoom miidhaa bu’uuraalee misoomarra qaqqabe suphuun hojii deebisanii ijaaruu fi filannoo dhiyeessii humnaa argametti fayyadamuun tajaajila eegaluu isaa ifoomseera.

Naannichatti hundatti tajaajila Teeleekoomii eegalchiisuuf bu’uuraalee miidhaman deebisee misoomsaa jiraachuu ibseera.

Dhiyeessii humnaa idilee argachuuf Humna Elektirikaa Ityoophiyaa waliin hojjetamaa jiraachuu beeksiseeran.

Filannoo humnaa argametti fayyadamuun naannicha hunda keessatti tajaajila Teeleekoomii yeroo gagaabaa keessatti eegalchiisuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiraachuu Iityoo – Teeleekoom beeksiseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.