Fana: At a Speed of Life!

Tamboon seeraan Alaa Birrii Miiliyoona 3 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Adoolessa 04, 2015 (FBC)- Godina Harargee Bahaatti Tamboon seeraan ala daddabarfamaa ture Birrii miiliyoona 3.4tti tilmaamamu sakattoo taasifameen to’atamuu Poolisiin Godinichaa beeksise.

Qajeelcha Poolisiin Godina Harargee Bahaatti Divizhiniin Kominikeeshiinii fi Miidiyaa Komaandar Tolosaa Gooshuu FBC’tti akka himanitti, seeraan ala biyyaa keessa galfamuuf kan ture Aanaa Gooroo Guutuutti qaamolee nageenyaan to’atamuu himaniiru.

Daddabarsa seeraan alaa kanaan namoonni shakkaman sadii to’atamuun qoratamaa jiraachuu fi Tamboon to’atames Gumuruka Dirree Dhawaatti galii ta’uu Komaandar Tolos aaGooshuu himaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.