Tamsa’inni vaayrasii koroonaa dabalaa dhufuun guyyoota itti aanaanitti fooyya’insi seeraa ni taasifama- aaddee Mufariyaat Kaamiil

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa dabalaa dhufuun fooyya’insi seeraa akka taasifamuu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil ibsaniiru.

Sekreetaariyaatii Qindeessittuun Koree ministeeroota fi Ministirri Nageenyaa FDRI aadde Mufaarihaat Kaamil koreen ministeerota guyyaa har’a walga’ii idilee gaggeesse ilaalchisuun ibsa laateera.

Koreen ministeerota walga’ii idileesaarratti xiyyeeffanna laatamuu fi qaba kan jedhan keessaa dhimmoota ijoo ta’an kan ilaalee yoo ta’u, guyyoota lamaan darbanitti hojiiwwan ijoo hojjeetamanis gamaggamuu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan har’a dabalatee guyyoottan lamaan darbanitti tamsa’inni vaayrasichaa dabalaa dhufuu fi amalloonni haaraan muul’achaa jiraachuu korichii mari’ateera.

Keessayyu namoonni seenaa imala alaa fi namaa vaayrasichaan qabamee waliin tuttuuqqi hin qabne vaayrasichaan qabamaa jiraachuun ammoo yaadessaa ta’u korichi ilaaleera.

Kanuma walqabsiisuun namoonni tokko tokkoo mallattoo vaayrasichaa osoo hin argisisiin qorannoodhaan vaayrasichaa akka qabaman beekamuun tamsa’inni vaayrasichaa caalmaatti yaaddessaa ta’uus addee Mufariyaat ibsaniiru.

Korichi Finfinnee waliin walqabsiise weerara jiruu erga gamaggamee booda hojiiwwan eegalaman cimanii akka itti fufaanif qamoolee nageenyaa, ministeera fayyaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi qamoolee ilaallatu waliin koree dabalataa hundeessuun guyyoota lamaan darbanitti hojiidhaaf qophii garaagaraa taasifama kan jiru yoo ta’u, rakkicha furuuf kan dandeessisu taarkanfiwwan fudhatama jira jedhaniiru.

Dabalataniis weeraricha waliin walqabsisee lammiilee Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatan haalaa rakkisaa keessa jiran gara biyyatti deebisuuf hojjetamaa turu kan ibsan aaddee Mufariyaat, Ityoophiyaanoota Beeruutii turan 669 simachuuf qophii xumurreerraa jedhan.

Guyyaa har’a qofa lammiileen 333 gara biyyaa isaanii kan galan yoo ta’u, Caamsaa 22, 2012 ammoo lammiileen 333 gara biyyaasanii ni galu jedhaniiru.

Mootummaan akkuma kanan dura waadaa galeetti laammiileen rakkina gaaragaaratiin biyyaa alaatti argaman hojiin gara biyyaatti deebiisuu cimee itti fufas jedhaniiru.

Gama biran ammoo koreen ministeerota kan mari’ate sosochii naannoo daangaan kan walqabatee yoo ta’u, hojiiwwan hojjetama jiraniis yeroodha gara yerootti jijjiirrama fidaa jirachuu mari’ataniiru.

Naannoo daangaatti iddoo tursiisaa qopheessuudhan laammiilee daangaa irraan caabsaani seenan keessumayyu laammiilee gara dangaa Matammaatin seenan too’achuuf qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uudhan hojiin iddoo tursiisaa cimee itti fufas jedhaniiru.

Konkolaachistoota daangaa darbanii deeman ilaalchisee yeroo dhufutti nageenyaa fi fayyuummaa maatii konkalaachistoota eeguuf hojiileen gaaragaara ni hojjatamus jedhaniru.

Sekreetaariyaatii Qindeessittuun Koree ministeeroota fi Ministirri Nageenyaa FDRI aadde Mufaarihaat Kaamil, ergaa dabarsaniin ammaas tamsa’iinni vaayrasii koroonaa dabalaa jiraachuun kan durrarraa fooyya’iinsi seera yeroo itti aanaaniif ni taasifama jedhaniiru.

Kanarra darbees weeraricharra hawaasni ofisaa, maatiisaa, naannoo fi biyyaa isaa kan duraarra caalmaan akka eeguuf ergaa dabarsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.