Fana: At a Speed of Life!

Tapha nuusa xumura Liigii Awurooppaa har’aa lamaan

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)-Tapha galgala kanaan kilaboonni Ingilaandi, Arsenaal Baayer Muunik waliin, Maanchister Siitiin Riyaal Maadiriid waliin morkatu.

Shaampiyoonaan bardheengaddaa Maanchister Siitiin Itihaadirraatti mootii Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awurooppaa Riyaal Maadiriid keessummeessa.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa Saantiyaagoo Baarnaabawurratti galchii sadi qixaan kan goolaban tapha kanaan morkii cimaatu eegama.

Kilaboonni lamaan bara 2012/13 as Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awurooppaatiin yeroo 11 waliin taphatanii yeroo sadii wal injifachuun tapha shan qixaan goolabaniiiru.

Kaayil Wookar, Naataan Akee fi Edaarsan tapha galgala kanaan Maanchister Siitiidhaaf kan hiriiran yoo tahu, gama Riyaal Maadiriidiin ammoo Chuwaaminiin adabbiin, Daavid Alaabaa fi Karra eegaan kilabichaa Tiboow Kortaawa miidhamaan tapha kanaan ala ta’u jedhameera.

Kilabni Ingilaandi kan biroo Arsenaal gara Jarmaniitti imalee Baayer Muunik waliin morkiin galgala kana taasisuus ni eegama.

Tapha marsaa jalqabaan Arsenaal dirree isaarratti Baayer Simatee 2 qixaan kan xumure gara marsaa itti aanuutti darbuuf tapha kana injifachuu qofatu irraa eegama.

Kilaboonni lamaan Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awurooppaan yeroo 13 waliin taphatanii Baayer Muunik yeroo 7 injifachuun olaantummaa qaba.

Arsenaal kanaan dura taphoota 6 gara Jarman imalee Baayer Muunik waliin morkii taasise keessaa 1 qofaan milkaa’uu danda’e.

Gama Baayer Muunikiin Komaan miidhamaan tapha kanaan ala yoo ta’u, Maanu’eel Nuuyeer fi Sarji Gaanbrii tapha kanaaf hiriiruufi dhiisuun isaanii adda hin baane.

Gama Arsenaaliin tapha Astoon Viilaa waliin taasisaanirratti miidhamee jijjiramee kan ba’e Maartiin Odegaardi tapha har’aaf qophiidha jedhameera.

Taphoonni lamaanuu galgala sa’aatii 4:00tti Ingilaandii fi Jarmaniitti ni eegalu.

Dajanuu Gonfaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.