Fana: At a Speed of Life!

Tarbaayina humna madda anniisaa Qilleensaa Asallaa kan dhiyeessuu waliin waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Humni Elektirikaa Ityoophiyaa Tarbaayina humna madda anniisaa Qilleensaa Asallaa kan dhiyeessuu Saaymeenis Gameessaa waliin waliigalteen mallatteesse.
 
Madda aannisaa Qilleensaa Asallaa Meegaa Waatii 100 maddisuu danda’a jedhamee eeggama.
 
Haala walii galtee kanaan Saaymeenis Gameessaa madda anniisaa Asallaaf SJ 3 .4-132 tarbaanittota Qilleensaa bara Faranjootaa 2023 eegalee ni dhiyeessa jedhame.
 
Injinariingiin Saameenis Gameessaa dhiyeessii tajaajila oomishaa fi hojii ijaarsa madda aannisaa hunda xumuree dhiyeessuuf itti gaafatamummaa qabaachuu ibsameera.
 
Ityoophiyaan hanga bara Faranjootaa 2030tti fedhii humnaa madda anniisaa haaromuun guutuuf hojjechaa jirti jedhame.
 
Biyyattiin humna qilleensarraa humna Geegaa Waatii 10 maddisuu dandeettii kan qabdu yoo ta’u, yeroo ammaa biyyattiin Meegaa Waatii 324 qofa qilleensarraa argachaa jirti.
 
Ijaarsa Madda aannisaa Qilleensaaf Ityoophiyaa fi Baankiin Daansikee Guruuppii Deenmaark Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 17.3 waliigaltee deeggarsaa fi liqaa mallatteessaniiru.
 
Yuuroo miiliyoona 94.7 baankichi bifa deeggarsa kan laatu ta’uu eerrameera.
 
Proojektichi walii gala baasii Birrii biiliyoona 5.6 kan gaafatu yoo ta’u, biiliyoonni 4.9 liqaa fi deeggarsa baankichaan kan uwwifamu ta’uu eerrameera.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
 
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa.
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.