Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfiin garee fiinxaaleyyiirratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Humni Waloo beeksise

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC)- Tarkaanfiin garee fiinxaaleyyiirratti fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu Humnii Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Humnichi waloo ibsa miidiyaaleef ergeen miseensota garee Fiinxaaleyyii Naahuusannaay Andaargee Taarraqanyi, Abeeneezer Gaashaawu Abaatee humnootaa nageenyaa waliin dhukaasa walitti bananniin tarkaanfiin kan irrattii fudhatame yoo ta’u, Habtaamuu Andaargee Tasammaa kan jedhamu ammoo to’annoo jala oolfamuun qorannoon gaggeessa jiraachuu beeksiseera.

Finfinnee fi naannawaa isheetti ergamni shororkeesummaa koroorfamee ture fashalaa’uu fi karoorsaan gochichaas dursaa garichaa Naahusannaay Andaargee jedhamu akka ta’e Humnichi Waloo mirkaneesseera.

Naahusannaay Andaargee kaayyoon garichaa akka milkaa’uu fi haleellaan shororkeessummaa akka raawwataniif, dargaggoonni filatee leenjii akka fudhatan taasisuun, deeggarsa faayinaansii fi loojistiksii biyya keessaa fi alaa walitti qabuun haalota akka mijeesse ibsichaan eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.